Our Struggles.com

Change comes from struggle. We shows the struggle towards the violated rights and freedoms by others body. By Behailu M.

Empaayeraa Dimokraatessuu Ilaalchisee ergaa gulaalaa Imaammata ADO

Addi Demokratawaa Oromoo, ADO, ummanni Oromoo biyya isaa irratti abbaa, qabeenya isaa irratti abboomaa, jireennya isaa irratti murteessaa ta’ee, sabaa fi saboota biyyattii hunda waliin sirna mootummaa Federaalaa dhugaa, kan dimokiraasii, haqaan bulmaatnii fi wal qixxummaan keessatti dagaagan uumuu akeekkatee socho’a. Kana fiixaan baasuufis Ethiopan dimokiratoftee fedireshenii sabdaneessaatti jijjiiramuun dirqii ta’uu isaatti amana.

Yaadni kun yaada qajeelaa fi eebbifamaa ta’uu waakkachuu yeroo dadhaban akkaataa hujiitti hikamuu danda’amuu isaa irratti namoonni mamii kaasan ni jiru. Hundeen mamii kanaa tokko gaaffii empaayerri akkamitti dimokraatawa jedhuu irraa madda.

Sababni sadarkaa lammataatti dhiyaatu ammoo amala bulchiinsa Itoophiyaa haga ammaatti argamaa ture irraa kan ka’e dorgommii polotikaan jijjiirraa sirnaa argamsiisuuf kan gonkumaayyuu hin aanjine ta’uudha.

Gitoonni faraqaan empaayerattii bulchaa ar’a ga’an, boortaan sirna hacuuccaa, cunqursaa, fi abbaa-irrummaa ummatarratti fe’uu malee ilaa fi ilaameen rakkoo kamuu hiikuuf qophii dhabuun akka sababa dabalataatti tarrifama. Amalaa fi adaa bulchitoota impaayeratti kan hiddi isaa gadi fagoo ta’e kana keessatti sirni dimokraasii akkamitti biqilee, margee, gaamaraan ammoo gaaffii namoota danuu ti. Kana waan ta’eef seenaa addunyaa wabii taasifachuun ijoo dubbii kana keessatti deebii kennuu yaalla.

Ummata Oromoo ummattoota hedduu irraa adda ka isa taasisu dimokraasiin aadaa isaa ta’uudha. Oromoon humna halagaa jalatti kufuu isaan duratti jaarraa hedduuf sirna Gadaatiin taliigamaa ture. Kana yeroo jennu ammoo Oromoon akka ummata tokkootti erga ijaaramee kaasee Gadaan bulaa ture jechuu miti. Kufaatii sirna Gadaa booda haga kophee waraana Minilik jalatti kufuun argamutti sirni dimokraasii faalla’ee ummanni harka abbaa- irrootaa jalatti galuu haaluun hin danda’amu. Dhufaatii gadaa dura hoo Oromoon maaliin bulaa ture jedhanii uf gaafachuun barbaachisaadha.

Seenaa ummatoota addunyaa kan sirni dimokraasii keessatti abboome yeroo mil’annuu deebii gaaffii kanaa arganna. Mootummaan magaalaa Athens dimokraasiin buluutti hangafummaan beekkama. Kunis abbaa-irroota danuu jalatti humnaan dhiitamuuu hedduun booda ta’uu dagachuu hin feesisu. Athensiin dimokraasii badhaasutti namni maqaan dhayamu Solon jedhama. Solon akka taaytaa fudhateen sirna kana gadi dhaabuuf mirga abbaa irrummaa waggaa kurnan tokkoof akka isa barbaachisu ummata beeksisuun taaytaa fudhate. Kana irraa kan agarru dimokraasiin gadaamessa abbaa-irrummaa, hacuuccaa, fi impaayerummaa keessatti dhalachuu isaa ti. Kana wajjiin kan yaadachuu mallee yeroositti Athens empaayera ta’uu isii ti.

Seenaan Roomaa illee kanuma ragaa ba’a. Roomaan repaablika ta’uun duraa fi boodas impaayera akka turte ifaadha. Qeesaar booda Roomaan yoo xiqqaate waggaa 400 caalaa dimokraasiin bulte.

Roomatti aanee bakki sirni dimokraasii deebi’ee itti marge England keessatti. Kunis biyya mootiin Waaqaan muudame jedhuu fi ummannis irreen bulfamuu aadeffate qalbiin yaadachuun barbbaachisaa dha. Dhiibbaa ummataan mootichi mootummaa ummataa akka fudhachuuf dirqame seenaan Magna Cartaa ni dubbata. onneen dimokraasii akka kanaan gadaamessa imaaperummaa fi aadaa cunqursaa keessatti bu’ureeffame waggaa 900 boodas dhikkisuu hin lakkifne.

Seenaa as dhihoo wabii taasifachuun yoo barbaachise kan Japan ragaa guddaadha. Japan biyya mootin isii aduu (ee, aduu!) irraa daraarree dhalanne jedhu kan abbootiin waraanaa ummata akka qabeetti saamsanii humnaan bulchan turte. Japan Dimokraasii fudhachuun, dura humnaanis ta’u, aadaan dimokraasii Japan keessatti dagaaguu danda’aa jedhanii yoo gaafatan yeroo sanatti namoota hedduuf waan yaadamuyyuu danda’amu miti. Garuu Japan ar’a waggaa 50 caalaa dimokraasiin bulaa jirti.

Biyyoonni laalle kun cufti impaayera turan. Kanneen impaayerri dimokraata’uu hin danda’u jedhan seenaa kana irraanfachuu hin qaban. Akkasumas biyyi tokko dimokraata’uuf ummatoonni ykn gitni bulchiinsaa dursee aadaa dimokraasii qabaachuu qaba kan jedhus yaada seenaa addunyaatin utubamee miti.

Kana jechuun Itoophiyaa dimokraatessuun ni laaffata jechuu miti. Qabsoo dheeraa gaafata. Itoophiyaa kaleessaa haga ar’aatti mana-hidhaa sabootaa taate, gara biyya dhugaan federeeshina sab-daneessaatti jijjiiranii dimokraasiin akka dagaagu gochuun waldhaansoo hadhaawaan alatti hin kajeelchisu. Qabsoo kana geggeessuuf kan dantaan itti jirtuu fi ittis milkaa’uuf humna itti qabu ammoo saba Oromoo waan ta’eef, ADO ummata isaa keessatti argamee qabsoo haalli fi yeroon gaafatu, qabsoo siyaasaa, geggeessuun ummanni Oromoo biyya isaa irratti abbaa, qabeenya isaa irratti abboomaa, jireennya isaa irratti murteessaa ta’ee, sabaa fi saboota biyyattii hunda waliin sirna mootummaa Federaalaa dhugaa, kan dimokiraasii, haqaan bulmaatnii fi wal qixxummaan keessatti dagaagan Itoophiyaa biyya sabootaa fi namoota hundaa taasisuuf qabsaawuu filate. Daandiin qabsoo ADO filate kun kan haqaa waan ta’eef ittis akka milkaa’u abdii qaba.

Jechuun ergaan gulaalaa imaammata Adda Dimokiratawaa Oromoo ibsu yaada isaa gudunfa.

Source: http://oromodemocraticfront.org

Advertisements

One comment on “Empaayeraa Dimokraatessuu Ilaalchisee ergaa gulaalaa Imaammata ADO

  1. Bertukan A.
    August 8, 2013

    NAAMICHII KUN akkas naan jeedhee ERGAA GABAAN DAARBEE HARREE HIN OFIIN NAAN JEEDHEE jeechii isaa akka naaf galettii anattii toleeraa yoo anii rakkadhee hin ta’uu oromoon ammas haa rakkatuu nutii warrii diinatti firoomnee nii jirannaa garbummaan itti haa fufuu hin raakatiin jechuu isaatii haa ta’uu malee oromeeffan naaf barresse kanaaf kun gantuu ykn dhigaa saboontotaa oromoo dhugdee ishee bartee dhaa mee isiin maal jeettuu

    Like

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out / Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out / Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out / Change )

Google+ photo

You are commenting using your Google+ account. Log Out / Change )

Connecting to %s

Information

This entry was posted on August 8, 2013 by in General Information, Oromo and its peoples and tagged .
%d bloggers like this: